Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Walgahii fi mariilee Addi Bilisummaa Oromoo Biyyoota alaatti ummata Oromoo waliin taassisaa jiru kan deeggaranii fi itti gammadan tahuu sab-boontonni Oromoo biyya keessaa maadheelee Tumsa tokkummaa jalatti gurmaa’an beeksisane.

(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 6, 2009) Sab-boontonni Oromoo Maadheelee 12n, maadhee Tumsa tokkummaa jalatti gurmaa’an marii dhimmoota QBO irratti fuulleeffatte gaggeeffatan milkiin xumurachuun ibsa ijjannoo qabxiilee garaa garaa of keessaa qabu baafataniiru.

Ibsa isaanii kanaanis gochaa Wayyaaneen yeroo ammaa itti jiru kan Walgahii fi Seeminaaraan ummata mudduu balaaleffatan.  Kana malees dhaabbileen gargaarsaa fi mirgoota dhala namaaf dhaabbatan ummata Oromoo beelaan dhumataa jiruu fi sirna Wayyaaneetiin hiraarfamaa jiruuf akka dirmtan waamicha goona jedhan.

Tarkaanfii gootichi WBO godina bahaa diina irratti fudhataa jiru ni deeggarra kan jedhan sab-boontonni Oromoo kunniin, ABO bira dhaabbachuun wareegama feessisu baasuuf qophii tahuu eeran.

Itti fufuudhaan walgahii fi mariilee ABOn biyyoota alaatti ummata Oromoo waliin taassisuu kan itti gammadan tahuu ibsanii, ummanni Oromoo qaanii keessa jiru keessaa bahuuf tokkummaa isaa akka jabeeffatu dhaamaniiru.

Dhuma irratti  ummanni Oromoo Wayyaaneedhaan hiraarfamaa waan jiruuf,  sadarkaa danda’u hundatti akka waliif dirmatu yaamicha godhanii jiran, sab-boontonni Oromoo maadheelee 12n, maadhee Tumsa Tokkummaa jalatti gurmaa’an ibsa ijjannoo baafataniin.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net